Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu».

