Namni tokko nama biraa faasiqa (kan Rabbiin dide) jedhee yoo darbate(arrabse), akkasumas kufriin yoo isa darbate, wanni sun irratti deebi'u malee hin hafu, yoo namichi inni arrabse sun akkas tahe malee
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Zarri irraa akka odeeffametti, Rabbi irraa haa jaallatu, inni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhu dhagahe: «Namni tokko nama biraa faasiqa (kan Rabbiin dide) jedhee yoo darbate(arrabse), akkasumas kufriin yoo isa darbate, wanni sun irratti deebi'u malee hin hafu, yoo namichi inni arrabse sun akkas tahe malee».
Explanation
Benefits
Murtii namoota irratti kennuu keessatti mirkaneefachuun dirqama ta'uudha.
Ibnu Daqiiq al-Iid akkana jedhe: kuni nama tokkoo muslimootatiin osoo inni akkas hin tahin kaafira jedhee maqaa xureesseef sodaachisa, inni rakkoo cimaasi.
Ibnu Hajar Al-Asqalaaniin akkana jedhe: jecha isaa kanaan "kaafira ykn faasiqa" hin tahu jechuun dilii hin qabu jechuu miti, kana irratti bal'inaan ilaalamuu qaba: Yoo isa gorsuu itti barbaadee jedhe ykn haala isaa ibsuun nama biraa gorsuu barbaadee yoo jedhe ni danda'ama, yoo isa arrabsuu, badii sanaan akka beekamuu fi isa rakkisuu qofa barbaade hin hayyamamu; Sababni isaas akka isaaf dhoksuuf, karaa gaariin akka isa barsiisu fi akka isa gorsu ajajamee jira waan ta'eef, karaa laafaan barsiisuu osoo danda'u, humna fayyadamuun isa irra hin jiraatu, Humna fayyadamuun akkuma aadaa namoota baay’ee keessa jiru akka inni daran itti jabaatu fi badii sana irra akka turuuf sababaa waan ta'uu maluuf, keessattuu namni gorsu sun sadarkaa keessatti nama gorfamuu gaditti kan ilaalamu yoo ta'e.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

