HadeethEnc · 1.25.0
Namni meeshaa waraanaa nurratti baase nu irraa miti
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Muusaa Al-Ash’arii irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: "Namni meeshaa waraanaa nurratti baase nu irraa miti".
02
Explanation
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- muslimoota irratti meeshaa waraanaa baatanii sodaachisuun ykn saamuun dhoorgaa akka ta'e akeekachiisan, Namni haqaan maletti gocha akkasii raawwate yakka guddaa fi badii guddaa hojjatee, doorsisa cimaa kana haqa godhateera.
03
Benefits
Muslimni obboleeyyan isaa Muslimaan loluu keessatti akeekkachiisa cimaa kennuudha.
Wantoota Jibbisiisoo fi malaammaltummaa guddaa lafa kanarra jiru keessaa tokko, meeshaa waraanaa Muslimoota irratti baafachuu fi badii cimaa karaa ajjeechaatin dhufuudha.
Doorsisni armaan olitti ibsame kun lola haqaa, kan akka namoota mirga namaa sarbanii, warra badii adda addaa raawwatanii fi kanneen birootin loluu hin ilaalu.
Qoosaadhaan illee haa ta'uu, Muslimoota meeshaa waraanaatiin ykn waan biraatiin sodaachisuun dhorgaa ta'uudha.

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares