Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Namoota keessatti wanti lama kufrii dha: hidda dhalootaa arrabsuu fi warra du’an irratti iyyanii boo’uu».
Explanation
Inni jalqabaa: hidda dhaloota namootaa arrabsuu, isaan akka waan hir'ina qabanitti isaan ilaaluu fi isaan irratti of tuuluudha.
Inni lammaffaa: yeroo balaan tokko nama mudate hiree san irratti aarii irraa kan ka’een sagalee ol kaasuudha, ykn abdii kutuu irraa kan ka’een uffata ofii cicciruudha.
Benefits
Balaa irratti obsuu fi aaruu dhabuun dirqama tahuudha.
Gochoonni kunniin kufrii xiqqaa irraayi, Namni dameelee kufrii keessaa dameen tokko itti argame kufrii amantii irraa nama baasu kafare hin jedhamu, hanga kufrii guddaa raawwatutti kaafira hin ta’u.
Islaamummaan waan Muslimoota gidduutti wal qoqqoodinsa fidu hunda kan akka hidda dhalootaa arrabsuu fi wantoota biroo kan dhoorge tahuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

