Isiin sun jecha tokko kan dhugaa irraa taate kan jinniin isii butuun gurra jaalallee isaa keessatti akka lukkuun iyyaansa isii deddeebistutti deddeebisa, kijiba dhibbaa ol isiitti maku
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette: Namoonni wohii raagdota irraa ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafatani, Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas isaaniin jedhani: «Isaan homaa miti» isaanis ni jedhani: yaa ergamaa Rabbii, isaan yeroo garii waa odeessanii jennaan haqa ta'a, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Isiin sun jecha tokko kan dhugaa irraa taate kan jinniin isii butuun gurra jaalallee isaa keessatti akka lukkuun iyyaansa isii deddeebistutti deddeebisa, kijiba dhibbaa ol isiitti maku».
Explanation
isaanis ni jedhani: jechi isaanii yeroo garii qabatama jiruun wol simata, akka wonti fagoo wohii baatii akkasii fi guyyaa akkasii keessatti ni argama jechuu duubbatanii jennaan, akka isaan dubbatanitti argama.
ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: jinniin oduu samii dhaga'an irraa butanii, gara jaalalloota isaanii raagdotaatti bu'uun waan dhaga'an isaanitti himu, eegasii raagaan sun isa dhaga'e kana irratti kijiba dhibba tokko dabalee odeessa.
Benefits
Nabiyyiin ergamuudhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jinnii urjii darbamu jalaa miliqee oduu hatu yoo ta'e malee sheexaanni wahyiis ta'ee kan biraa akka hin dhageenye samiin tikfamteetti.
Jinniin ilmaan namaa irraa jaalallee taasifatu.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

