Namni amaanaan kakate nu irraayii miti
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Bureydaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Namni amaanaan kakate nu irraayii miti».
Explanation
Benefits
Amaanaan, Rabbiif ajajamuu, Rabbiin gabbaruu, waa kaawwachuu, mallaqaa fi nageenya hammata.
Kakuun kan fudhatama argatu Rabbii guddaan, ykn maqaa maqaawwan isaa irraa taheen, ykn sifa sifaawwan irraa tahe qofaan yoo ta'eedha.
Khaxxaabiin akkana jedhe: Sababa Rabbiin ofii fi sifaawwan isaa qofaan akka kakatamu ajajeef amaanaan kakatuun jibbame, amaanaan ammoo sifaawwan Rabbii irraayii miti, isheen ajaja tokko kan ajajoowwan isaa dirqama tokko kan dirqamoowwan isaa irraa ta'eedha, waan gidduu amaanaa fi gidduu maqaalee fi sifaawwan Rabbii ol ta'ee walqixxeessuun argamuuf jecha amaanaan kakachuu irraa dhoorgaman.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

