Dhugumatti Inni ati jettuu fi itti waamtu kun gaariidha, Waan hojjenne kanaaf araarri jiraachuu osoo nutti himtee
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu: Namoonni warra shirkii irraa ta'an tokko, dhugumatti kan ajjeesanii ajjeechaa baay'isanii fi heddumminaan kan zinaa raawwatan ta'an, sana booda gara Nabi Muhaammad -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu…

