Dhugumatti Inni ati jettuu fi itti waamtu kun gaariidha, Waan hojjenne kanaaf araarri jiraachuu osoo nutti himtee
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Ibnu Abbaas irraa odeeffamee, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu: Namoonni warra shirkii irraa ta'an tokko, dhugumatti kan ajjeesanii ajjeechaa baay'isanii fi heddumminaan kan zinaa raawwatan ta'an, sana booda gara Nabi Muhaammad -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufanii akkas jedhaniin: Dhugumatti Inni ati jettuu fi itti waamtu kun gaariidha, Waan hojjenne kanaaf araarri jiraachuu osoo nutti himtee, Aayaan Qur'aanaa tun ni buute: {(gabroonni Rabbii ammas) Warra Rabbiin wajjin gabbaramaa biraa hin waamanne, akkasumas warra lubbuu Rabbiin ajjeechaa isii haraama taasise haqaan maletti hin ajjeesne fi warra sagaagalummaa hin raawwanneedha} [Furqaan: 68], Aayaan biraas ni buute: {Jedhi: Yaa gabroota kiyya kan ofirratti daangaa dabritan, rahmata Rabbi irraa abdii hin kutatinaa} [Zumar: 53]
Explanation
Egaa keeyyattoonni lamaan kan bu'an yoo ta’u, Rabbiin cubbuun baay’ee fi guddaa ta’us namoota irraa towbaa ni qeebala. Osoo sun ta’uu baatee silaa namoonni kufrii fi jallina isaanii itti fufanii amantii kanas hin seenan ture.
Benefits
Rahmanni Rabbiin gabroota isaatif godhu bal'aa ta'uudha, akkasumas araaramnii fi dhiifamni Inni isaanif godhu bal'aa ta'uudha.
Shirkii, lubbuu haqaan maletti ajjeesuu fi sagaggaalummaa haraama taasisuudha, akkasumas warra cubbuu kana hojjatan doorsisuu of keessaa akka qabuudha.
Towbaan dhugaa tan ikhlaasa fi hojii gaarii of keessaa qabdu Rabbii ol ta'etti kafaruu dabalatee dilii gurguddaa hunda akka haqxuudha.
Rahmata Rabbii irraa abdii kutachuun haraama ta'uudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

