Hariira qallaa fi furdaas hin uffatinaa, meeshaa warqee fi meetii irraas hin dhuginaa, meeshaa isaan irraa hojjetame keessatti hin nyaatinaa, isheen addunyaa irratti isaaniifi (kaafiroota), Aakhiraatti ammoo nuufi
Abdurrahmaan bin Abii Leylaa irraa odeeffame, Isaan Huzeyfaa bira turan, Bishaan akka obaasan gaafatee, namichi majuusiin tokko isa obaase, meeshaa ittiin dhugan harka isaa keessa kaahee jennaan isaan isa darbatee, akkas jedhe: osoon ani yeroo tokko ykn yeroo lama isa d…

