Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa odeeffamee akkana jedhe: Mu'aawiyaan masjiida keessatti Halqaa wahitti dhufee, akkana jedheen: Maaltu isin teessise? Isaanis ni jedhan: Nuti Rabbiin zakkaruuf teenye, ni jedhe: Rabbiin isin qabee kanaaf malee waan biraatif hin teenyee? isaanis ni jedhan: kanaaf malee hin teenye, Innis akkana jedhe: Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, sadarkaan ani Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biratti qabu irratti tahee namni tokkolleen kan Hadiisa naa gad qabu hin jiru: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- Halqaa wahii kan sahaabota isaanitti dhufanii akkana jedhaniin: «Maaltu isin teessise?» Isaanis ni jedhan: Nuti Rabbiin zakkaruu fi Islaamummaa nuuf kennee waan isaan tola nurratti ooleef jecha isa galateeffachuuf teenye, isaanis ni jedhan: «Rabbiin isin qabee san malee homaa isin hin teessifnee?» isaanis ni jedhan: «Ani isin shakkuuf isin hin kakachiifne, garuu Jibriil gara koo dhufee Rabbiin guddaan Malaa'ikootatti akka isiniin dhaaddataa jiru natti hime».
Explanation
Benefits
Shakkii tokko malee barbaachisummaa kheyrii ibsuu keessatti kakachiisuun akka danda'amuudha.
Sadarkaa teessuma zikrii fi beekumsaati, akkasumas Rabbiin akka isii jaallatuu fi malaa'ikootatti akka isiin dhaaddatuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

