Mufarridoonni darban
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- karaa Makkaa irra deemaa osoo jiranuu, gaara tokko kan Jumdaan isaan jedhamu bira darbanii, Akkana jedhani: «Deemaa, kuni Jumdaanii, Mufarridoonni darban» ni jedhan (sahaabonni): Mufarridoota jechuun maal jechuudha yaa Ergamaa Rabbii? Akkas jedhan: «Isaan dhiirotaa fi dubartoota yeroo baay’ee Rabbiin zakkarani».
Explanation
Benefits
Rabbiin zakkaruun arraba qofaan ta'a, ykn qalbii qofaan ta'a, ykn arrabaa fi qalbii walitti qabuun raawwatama, inni irra ol aanaa sadarkaati.
Zikrii irraayi zikriiwwan shari'aa kan yeroon daangeffaman, kan akka zikrii ganamaa, galgalaa fi zikriiwwan salaataawwan dirqama ta'anii fi kanneen biroo boodatti jedhaman.
Nawawiin akkana jedhe: sadarkaan zikrii , Subhaanallaah, Laa ilaaha illallaah, Alhamdulilaah, Allaahu aAkbar fi kkf jechuu qofaan kan daangeffamuu mitii beeki, namni Rabbii ol ta'eef abboomamuun hojjetu hundinuu zikrii akka waan godhetti lakkaa'ama.
Rabbiin zakkaruun sababoota gurguddoo ragga'iinsaa keessaa isa tokkodha. Rabbiin akkas jedhe: (Yaa warra amantan yeroo garee (diinaa) tokkoon wal qunnamtan akka milkooftaniif jecha ragga'aatii yeroo baay’ee Rabbiin zakkaraa) [Suuraa Anfaal :45]
Warra Rabbiin zakkaranii fi gaara Jumdaan wal bira qabuun waan biroo irraa adda ta'uu fi fageenya keessatti; Akkuma warra Rabbiin zakkaruu, gaarri Jumdaan gaarreen biroo irraa adda, akkuma sani warri Rabbii ol ta'e zakkaran, waan biroo irraa adda ta'aa jechuun osoo nama keessa jiraatillee inni isa qalbii isaati fi arraba isaatin Rabbii isaa zakkaruun kophaa bahee, Yeroo kophummaa isaatti booharee, yeroo baay'ee namootatti makamuu irraa kophummaan kan itta dhaga'amuudha. Warra Rabbiin zakkaranii fi gaara jumdaan walitti fakkeessuun akkuma gaarreen ragga'insa lafaatif sababaa ta’an, zikriinis namichi Rabbiin zakkaru amantii irratti ragga'uuf sababaa ta'a jechuufi. Yookaan duuniyaa fi aakhiraatti kheyrii keessatti dursuun ta'a, akkuma namichi Madiinaa irraa gara Makkaa imalu yeroo Jumdaan gahe sun mallattoo Makkaan gayuuti fi namni isa bira gaye dursaa ta'utti akkuma sani namichi Rabbii ol ta'e zakkaru zikrii heddummeessuun nama biroo dursaa ta'a, Rabbiitu waan hunda caalaa beeka.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

