Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan salaataa, ji’a (Ramadaanaa) keessan soomaa, qabeenya keessan irraa zakaa kennadhaa, warra itti gaafatamummaa qaban tole jedhaa, Jannata Rabbii keessanii ni seentanii
Abuu Umaamaa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Hajjii dhaammannaa keessatti isaanii akkana jedhanii khuxbaa godhanin dhagahe: "Rabbii keessan sodaadhaa, salaata keessan shanan sal…

