Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni yookaan dhaabni yookaan dhagaan gidduu isaaniitti haguugde eegasii ammas yoo isa qunname salaamtaa isaan haa jedhu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni yookaan dhaabni yookaan dhagaan gidduu isaaniitti haguugde eegasii ammas yoo isa qunname salaamtaa isaan haa jedhu».
Explanation
Benefits
Salaamtaa waliin jechuu heddummeessuu irratti bolola cimaa akka qabaniidha, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu; sababni isaas Muslimoota giddutti jaalalaa fi walitti dhiheenya fiduun isa keessa waan jiruuf jecha.
Salaamtaa jechuun inni jecha kana: (Assalaamu aleykum) jechuunis: nageenyi isin irratti haa jiraatu, jechuudha, ykn (Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh) jechuunis: nageenyi, rahmanni Rabbii fi barakaan isaa isin irratti haa jiraatu, jechuudha, kun yeroo dura walitti dhufan harka wal fuudhuu argamu maleedha.
Salaamtaan Du'aa'ii waan ta’eef, Muslimoonni irra deddeebi’anii yoo ta’ellee waliif du'aa'ii gochuutti haajamoodha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

