Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa».
Explanation
Benefits
Yoo isaan salaamtaan eegalan akkana jechuun isaan irratti deebisuun ni danda'amaadha: 'Wa aleykum' jechuunis isin irrattis jechuudha.
Muslimni tokko sababa tokko malee itti yaadee nama kaafiraa rakkisuu hin qabu, garuu karaan dhiphoo ykn namaan guutamaa yoo ta'e Muslimni mirga caalu itti qabaata, kaafirri ammoo karaa irraa gara cinaatti goruu qaba.
Osoo hin meedhin yookaan haasaa hin badin, Jabeenya Muslimootaa agarsiisuu fi xiqqeenya warreen biroo mul'isuudha.
Sababa isaan Rabbii ol ta'eef ajajamuu didaniif Kaafiroota irratti dhiphisuudha, sababa waan kanaa yoo kan beekan ta'an sun Islaamummaa qabachuu isaanitiif sababa ta'u danda'a; tarii ibidda irraa nagaa kan bahan ta'an.
Muslimni tokko akkanumatti lafaa ka'ee yoo barbaachisaa ta'e kaafiraan akkam jirta, akkam bulte, akkam oolte? fi kkf yoo jedheen rakkoo hin qabu; Sababni isaas dhoorgaan salaamtaa irraa waan ta'eef jecha.
Xiibiin akkana jedhe: Wanti filatamu, nama bid'aa dalagu tokko salaamtaan jalqabuu dhabuudha, Nama hin beeknen yoo salaamtaa jedhee eegasii nama walii galtee qabu ykn nama bid'aa dalagu ta'uun ifa gale isa xiqqeessuuf jecha akkana jedha: salaama kiyya deeffadhe.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

