Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Suleemaan bin Surad irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wajjiin taa'aa ture, namoonni lama arrabsanii, tokkoo isaanii fuulli isaa diimatee, ujummoo dhiigaa isaa iita'ee jennaan, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Ani jecha tokko beeka osoo isa jedhee aariin kun irraa deema ture, osoo akkas jedhee: Sheyxaana irraan Rabbitti maganfadha, silaa rakkinni kun irraa deema ture», sahaboonnis namichaan akkas jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas siin jedhan: «Sheyxaana irraa Rabbiitti maganfadhu», innis ni jedhe: maraatumni natti jiraa moo?
Explanation
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Ani jecha tokko kan osoo namichi aarii qabu kun isa jedhee aariin sun silaa irraa deemuun beeka, osoo akkas jedhee: Sheyxaana abaaramaa ta'e irraa Rabbitti maganfadha.
Isaanis akkana jedhaniin: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: Sheyxaana irraa Rabbitti maganfadhu.
Innis: Ani maraataadhaa?! Sheyxaana irraa kan maganfatu nama maraatummaadhaan rakkate qofa jedhee yaade.
Benefits
Aarin sheyxaana irraa ta'aadha.
Yeroo aarii sheyxaana abaaramaa irraa Rabbitti maganfachuutti ajajuudha, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: (Yoo garagalchaan sheyxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu..) Aayaa itti guuti.
Arrabsoo fi abaarsa irraa waan isa fakkaatan irraa akeekkachiisuu fi isaan irraa baqachiisuudha; Sababni isaas namoota gidduutti badii guddaa geessan waan ta’eef jecha.
Akka itti fayyadamuuf nama hin dhagahiniif gorsa dabarsuudha.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- aarii irraa akeekkachiisan; Sababni isaas gara badii fi of eeggannoo dhabuutti waan nama geessuuf jecha. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- seerowwan Rabbii ol ta'ee yoo sarbaman malee hin aaru ture, kun immoo aarii faarfamaadha.
Nawawiin jecha “maraatummaa natti qaba yaadduu?” jedhu ilaalchisee akkana jedhe: namni akkas dubbate kun munaafiqoota irraa ta'uu danda'a, ykn gara jabeeyyii warra baadiyyaa irraa ta’uu danda’a.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

