“Dammaqaa! cubbuu gurguddaa isiniif himuu?
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Bakraa irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas naan jedhani: “Dammaqaa! cubbuu gurguddaa isiniif himuu?” Yeroo sadii akkana jedhan, Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii nuuf himaa, ni jedhan: "Allaahitti sharraksiisuu fi hadhaa abbaaf galata dhabuu" irkatanii turanii ol jedhanii taa'anii akkana jedhan: "Dammaqaa, ammaas Haasaa sobaati", ni jedhe: Osoo callisanii hanga nuti jennutti isii deddeebisuu irraa hin deemne.
Explanation
1.Allaahitti Sharraksiisuu: innis gosoolee ibaadaa keessaa gosa kamiyyuu Allaahin alatti kan biraaf kennuudha, akkasumas gabbartii, gooftummaa, maqoolee fi sifoowwan Isaa keessatti Allaahitti waan biraa qixxeessuudha.
2. Haadhaa fi Abbaaf galata dhabuudha: Kunis Miidhaa kamiiyyuu Dubbiidhaanis ta’ee gochaan qaqqabsiisuudha, akkasumas gara laafessa isaaniif ta’uu dhiisuudha.
3. Ragaa sobaa dabalatee jecha sobaati: Kunis hunduma jecha sobaa fi kijibaa kan namicha irratti jedhame horii isaa fuudhuun ykn kabajaa isaa balleessuun daangaa irratti darbuun ykn kan sana faakkaatuun isa miidhuun itti yaadameedha.
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jecha sobaa irraa sodaachisuu dhugumatti itti deddeebi’anii dubbaatani, fokkina isaati fi dhiibbaa badii kan inni hawaasa irratti qabu akeekkachiisuuf jecha, hanga sahaabonni isaanii akkana jedhan takkatti: silaa osoo ofirraa callisanii; isaanif dhiphachuu fi isaan rakkisuu sodaaf jecha.
Benefits
Haqni haadha fi Abbaa guddaa ta'uudha; sababni isaas waan haqni isaan lamaanii haqa Rabbii ol ta'etti qindaa'ee dhufeef jecha.
Cubbuun cubbuu gurguddaa fi xixiqqaa jedhamee kan qoodamu yoo ta’u, cubbuun gurguddaan immoo: hunda dilii isa keessa adabbiin biyya duniyaa akka haddii fi abaarsaa, ykn doorsisa aakhiraa kan akka doorsisa Jahannam seenuu jiruudha, cubbuun gurguddaan sadarkaa sadarkaan jira, gariin isii haraamummaa keessatti garirra cimaadha, cubbuun xixiqqoon immoo waan cubbuu gurguddaan alatti jiruudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

