Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Muusaa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha. Miskii namni baatu: Yookaan kennaa siif laata, yookaan immoo isa irraa bitatta, yookaan immoo urgaa namatti tolu isa irraa urgeeffatta. Namni beeloo afuufu ammoo: Uffata sirraa guba ykn ammoo hafuura badaa irraa argita».
Explanation
Gosti jalqabaa: Hiriyyaa fi jaalallee gaarii kan waa'ee Rabbii fi waan Inni jaalatu nama agarsiisu, kan Rabbiif ajajamuu irratti gargaaruudha. Inni akka nama miskii gurguruuti Yookaan siif kenna, yookaan immoo isa irraa bitatta, yookaan immoo urgooftuu namatti tolu isa irraa argattee deemta.
Gosti lammaffaa: Hiriyyaa fi jaalallee hamaa karaa Rabbii irraa nama gufachiisu, cubbuu hojjechuuf kan nama gargaaruu fi nama gocha fokkisaa irraa argitu, kan nama akka isaa waliin taa'uu fi itti hiriyoomuu keetin balaaleffamtuudha. Inni akka nama sibiila tumuuf ibiddaa afuufuti; Yookaan uffata kee qaanqee balali'uun guba, yookaan immoo isaatti dhihaachuu irraa afuura ajaayu argita.
Benefits
Namoota Rabbiif ajajamanii fi qajeeluma qaban waliin taa'uu irratti kakaasuu fi namoota badii fi warra safuu hin qabne irraa fagaachuu irratti kakaasuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

