HadeethEnc · 1.25.0
“Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti".
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ulaagaalee salaanni itti fayyaa taatuun keessaa xaaharaan (wuduu'a godhachuun/dhiqachuun) akka tokko ta'e ibsan, kanaafuu nama salaatuu barbaadu kan wanti wuduu’a balleessu irraa argame; kan akka sagaraa, yookaan fincaanii, yokaan hirriibaa, yokaan kan fakkaatan isa irratti wadda'achuun dirqama.
03
Benefits
Salaanni nama wuduu’a balleessee hanga xurii guddaa irraa dhiqachuun, xurii xiqqaa irraa immoo wuduu’a godhachuun hanga xaaharatuutti/qulqulleeffatuutti akka hin qeebalamneedha.
Wuduu’a jechuun bishaan fudhatee afaan keessa naannessee baafachuun, eegasii afuura isaatiin bishaan sana gara keessoo funyaan isaatti ol harkisee baasuudha, eegasii fuula isaa si’a sadii dhiqachuudha, eegasii harka isaa lameen yeroo sadii ciqilee lameenin waliin dhiqachuudha, eegasii mataa isaa guutuu al tokko qofa haxaa’ee harka lameen gurra lameen irra baasuudha, eegasii miila isaa lameen koomee lameenin waliin yeroo sadii dhiqachuudha.

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares