Yaa Rabbi, dheekkamsa kee irraa jaalala keetti, adabbii kee irraas nagaa keetti maganfadha, ammas si irraan sitti maganfadha, akka ati of faarsitetti faaruu kee lakkaa'ee fixuu hin danda'u
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Halkan tokko ani Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- firaasha irraa dhabee, isaan barbaadee osoo isaan masjiida keessa jiranii harki kiyya keessoo miila isaanii lamaan tuqxe osoo isaan lamaan dhaabbatanii, isaan akkana jedhuu turani: «Yaa Rabbi, dheekkamsa kee irraa jaalala keetti, adabbii kee irraas nagaa keetti maganfadha, ammas si irraan sitti maganfadha, akka ati of faarsitetti faaruu kee lakkaa'ee fixuu hin danda'u».
Explanation
(Nan maganfadha) tawassula seena (jaalala keetiin dheekkamsa kee irraa) Ana irratti ykn ummata koo irratti dallanuu kee irraa, akkasumas (nagaa keeti) fi dhiifama kee baay'eenan (adabbii kee irraa) maganfadha. (sirraan sitti maganfadha) sifoowwan bareedina keetitti sifoowwan guddina keetii irraa maganfadha, si malee wanni sirraa nama eeguu danda'u waan hin jirreef jecha, kanaaf Rabbirraa bakka itti nagaa bahanii fi bakki itti hirkatan hin jiru gara isaatti yoo ta'e malee. Hanga fedhellee yoo tattaafadhe dadhabbii kootif (faaruu siif malu lakkaa'ee hin fixu) faaruu qananii fi tola ooltummaa keetii akka siin malutti lakkaa'ee fixuu hin danda'u. (Ati akka of faarsitetti), ati faaruu siif malu of faarsitee jirta, eenyu namni haqa faaruu keetii geessuu danda'u?!
Benefits
Miirak akkana jedhe: Gabaasaalee Nasaa'ii tokko keessatti: Salaata isaanii xumuranii yeroo bakka hirriiba isaanii qabatan du'aa'ii kana jedhu ture jechuutu jira.
Sifoowwan isaatiin Rabbi faarsuu fi maqoota isaa kan Qur'aana fi Hadiisa keessatti dhufaniin isa kadhachuun jaallatamaa ta'uudha.
Rukuu'aa fi sujuuda keessatti Rabbii uumaa ta'e guddisuu of keessaa qaba.
Sifaata Rabbiitin maganfachuun ni danda’amaadha, akkuma zaata isaatin maganfachuun danda’amutti, inni qulqullaa'ee ol ta'e.
Khaxxaabiin akkas jedhe: Dubbiin kun hiika gaarii qaba, innis: jaalala isaatin dallansuu isaa irraa isa bilisa baasuuf, nagaa isaatin adabbii isaa irraa Rabbitti maganfate, jaalalaa fi dallansuun faallaa waliiti, akkasumas nagaa namaa taasisuu fi nama adabuun faallaa waliiti, yeruma waan faallaa hin qabne dubbate, iinis Rabbii ol ta'ee waan biraatin osoo hin taane isaan isa irraa maganfate. Hiikni sanaa: Gabbartii isaati isa faarsuu irraa dirqama tokko akka barbaadamutti bahachuu dhabuu irraaa araarama barbaaduudha. Jechi isaa: galata kee lakkaa’uu hin danda’u kan jedhu: Dandeettii akkasii hin qabu, biraas ga’uu hin danda’u jechuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

