Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna?
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdurrahmaan ilma Abbaa leylaa irraa odeeffamee akkana jedhe: Ka’ab ilmi Ujraa na qunnamee akkana jedhe: kennaa tokko siif hin kennuu? Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nurratti gadi bahanii jennaan akkana jenneen: Yaa Ergamaa Rabbii, akkamitti akka nagaa sirratti buufnu barree jirra, mee akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan: "Akkana jedhaa: Yaa Rabbi Muhammadii fi maatii Muhammad irratti rahmta buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti rahmata buuftetti, dhugumatti Ati Faarfamaa, guddaadha, yaa Rabbii Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaa buusi, akkuma maatii Ibraahim irratti barakaa buuftetti, dhugumatti Ati faarfamaa, guddaadha".
Explanation
Benefits
Tashaahhuda salaataa isa dhumaa keessatti Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- salawaata buusuun dirqama ta'uudha.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- sahaabota isaanii akkaataa nagaa fi rahmata isaan irratti itti buusan barsiisaniiru.
Rahmata Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- buusuu keessatti bifti kun bifa hunda caalaa guutuu ta’eedha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

