Harka kee qaama kee irraa bakka dhukkubbiin sitti dhagahamu irra kaa’ii, akkana jedhi: Bismillaah" Maqaa Rabbiitin, yeroo sadii, ergasii yeroo torba akkana jedhi: "Hammeenya na mudatee fi sodaadhu irraa Rabbii fi dandeettii isaatti maganfadha
Usmaan bin Abii Al-Aas al-saqafii irraa akka odeeffametti -Rabbi irraa haa jaallatu- inni Ergamaa Rabbiititti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- erga Islaamummaa qabatee dhukkubbiin qaama isaatti akka dhagahamu himate, Ergmmaanis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- a…

