Nama yeroo sadii akkana jedhe: Maqaa Rabbii kan isa waliin dachii irratti ta’ee samii keessatti wanti nama miidhu hin jirreenin tikfama, inni hedduu dhaga'aadha beekasi, hanga bariisifatutti balaan tasaa isa hin mudatu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abaan bin Usmaan irraa odeeffamee, ni jedhe: Usmaan bin Affaan -Rabbiin irraa haa jaallatu- kan akkana jedhuun dhaga'e: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- kan akkana jedhanin dhaga’e: «Nama yeroo sadii akkana jedhe: Maqaa Rabbii kan isa waliin dachii irratti ta’ee samii keessatti wanti nama miidhu hin jirreenin tikfama, inni hedduu dhaga'aadha beekasi, hanga bariisifatutti balaan tasaa isa hin mudatu, nama ganama yeroo sadii isa jedhe immoo hanga galgaleeffatutti balaan tasaa isa hin mudatu», ni jedhe: Abaan bin Usmaan faaliji isa qabee, namichi hadiisa isa irraa dhaga'e isa ilaalee jennaan, akkana jedheen: Maaliif na ilaalta? Rabbiin kakadhee ani Usmaan irratti hin sobne, Usmaanis Nabiyyii irratti hin sobne, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, garuu har'a waan na mudateetu na mudate, sababaa sanaan aarii keessa galee isa jechuu dagadhe.
Explanation
Nama galgala isa jedhe hanga ganamaatti seenutti balaan tasaa isa hin mudatu, nama ganama isa jedhe immoo hanga galgalaatti seenutti balaan tasaa isa hin mudatu.
Gabaasaa hadiisa kanaa Abaan bin Usmaan faalij isa qabee, faalij jechuun inni qaama gara tokkoo kan nama irratti laamshessuudha, namichi hadiisicha isa irraa dhagahe gara Abaan dinqisiifatee ilaaluu eegale, Abaanis akkana jedheen: " Maalif na ilaalta?! Rabbitti kakadhe ani Usmaan irratti hin sobne, Usmaanis Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hin sobne, Garuu har'a waan Rabbiin akkan isa jedhu naaf murteesseen na mudate, Aariin natti dhufee jechoota eeraman kana jechuu dagadhe.
Benefits
Jabina warri salafaa Rabbitti amanuu fi waan Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- isaanitti himan dhugoomsuu keessatti qabaniidha.
Faayidaalee zikrii ganamaa fi galgalatti daangeessuu keessaa tokko dagannoo Muslima irraa kutuu fi yeroo hunda inni gabricha Rabbii ol ta’ee ta’uu isaa akka yaadatu isa taasisuudha.
Hanguma amantii nama Rabbiin zakkaruu, khushuu'a qabaachuu isaa fi ikhlaasa fi yaqiinan waliin dhufuu qalbii isaatiini bu'aan zikrii galma ga'a.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

