“Gooftaan istighfaaraa
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Shaddaad bin Aowsi irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- ni jedhan: “Gooftaan istighfaaraa ati akkas jechuudha: Yaa Rabbi Ati Gooftaa kooti si malee haqaan gabbaramaan hin jiru, situ na uume ani gabricha keeti, hamman danda'een ahdii keeti fi waadaa kee irra jira, hamtuu waanan hojjedhe irraa sitti maganfadha, qananii ati na irratti oolte siif raggaasisa, dilii koos siif raggaasisa, kanaaf naaf araarami, si malee kan namaa araaramu hin jiru", ni jedhani: "Namni isii dhugoomsaa haala ta'een guyyaa keessatti isii jedhee, osoo hin galgalaayin du’e, inni warra jannataa irraayi, namni isii dhugoomsaa haala ta'een halkan keessatti isii jedhee, osoo hin bari'in du’e, inni warra jannataa irraayi".
Explanation
Rabbitti waywaatuu kana booda, irra darbuu Isaati fi tola Isaatin akkasumas rahmata Isaatin badiiwwan isaa akka Rabbiin isaaf dhoksee rakkinoota isii irraa isa tiksu Rabbii isaa kadhata; sababni isaas Rabbii ol ta'e malee kan badiiwwan namaaf dhiisu waan hin jirreef jecha. Ergasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- zikriin kun zikrii ganamaa fi galgalaa keessaa tokko ta’uu isaa himan, namni mirkaneeffatee isa jedhe, hiika isaas of dura qabee itti amanee jalqaba guyyaa isaa irratti, inni yeroo bahiisa aduuti fi jallatiinsa isii giddutti jiruudha, kunis yeroo guyyaati, eegasii du'ee jannata ni seena, Namni halkan keessatti isa jedhee, innis aduun lixxee hanga bari’utti, eegasii osoo hin bari'in du’e, Jannata ni seena.
Benefits
Gabrichi kadhannaa kanaan Rabbiin kadhachuun futunuu qaba; Sababni isaas inni gooftaa Rabbiin irra dhiifama barbaaduu waan ta’eef.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

