HadeethEnc · 1.25.0
Ulaagaa hunda irra kan isin guutuu qabdan, ulaagaa ittiin qaama saalaa dubartii halaala taasifattani
Available translations
Choose an available translation of this Hadeeth
01
Hadeeth text
Uqbaa ibnu Aamir irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Ulaagaa hunda irra kan isin guutuu qabdan, ulaagaa ittiin qaama saalaa dubartii halaala taasifattani».
02
Explanation
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ulaagaa hunda irra kan isa guutuun barbaachisu, inni isa dubartiitti qanani'uun haalaala ta'uu keessatti sababaa ta'e ta'uu ibsan, innis ulaagaa eeyyamamaa ta'e kan haati manaa yeroo nikaan hidhamu gaafattuudha.
03
Benefits
Ulaagaa abbaan manaa fi haati manaa irratti wolii isaaniitiif walii galan guutuun dirqama ta'uu isaa, yoo ulaagaa halaala harramse yookaan haraama hallalche ta'e malee.
Ulaagaa nikaa guutuun kan biraa irra dirqamummaan isaa jabaadha; qaama saalaa dubartii halaalfachuuf kan seename waan ta'eef jecha.
Bakki bultiin qabu islaamummaa keessatti jabaa ta'uu isaa, ulaagaan isaa akka guutamuuf waan gadi jabeesseef jecha.

Attribution
[Bukharif muslim irratti waliigalan]
Categories
Share
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares