waan gaafattan irra waan caaluutti isin akeekuu? yeroo bakka ciisichaa keessanii qabattan- yookaan firaasha keessanitti ol baatan- yeroo soddomii sadi Rabbiin qulqulleessaa, yeroo soddomii sadi Rabbiin faarsaa, yeroo soddomii afur Rabbiin guddisaa, inni kun hojjataa qabaachuu irra isiniif caala
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Aliyyiin irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa iraa haa jaallatu- Faaximaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- sababaa dhagaa waa ittiin daaktuutiin dhukkubbii harka isiitti dhaga'amu itti himachuuf jecha gara nabiyyitti dhufte -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan dhuftes akka garbichi isaaniif dhufe isii qaqqabeeti, garuu dhuftee waan isaan argachuu hin danda'iniif, waan ta'e sana Aa'ishaatti himte, isiinis yeroo isaan dhufanitti isaanitti himte, Aliyyiin akkana jedhe: nuhii bakka hirriibaa qabatee hirriibaaf qophaa'e nutti dhufanii, isaaniif dhaabbachuuf jennaan, «Bakka keessanii hin sochoo'inaa» jechuun nu bira dhufanii gidduu kootii fi gidduu isii taa'ani, hanga qabbanni faana isaanii lameenii garaa koo irratti natti dhaga'amutti, eegasii akkas jedhani: «waan gaafattan irra waan caaluutti isin akeekuu? yeroo bakka ciisichaa keessanii qabattan- yookaan firaasha keessanitti ol baatan- yeroo soddomii sadi Rabbiin qulqulleessaa, yeroo soddomii sadi Rabbiin faarsaa, yeroo soddomii afur Rabbiin guddisaa, inni kun hojjataa qabaachuu irra isiniif caala».
Explanation
Benefits
Zikriin kun hirriba halkaniitti malee hin jedhamu, muslimiin biratti gabaasa mu'aaz shu'ubaa irraa gabaaseen "halkan yeroo bakka ciisichaa keessan qabattanitti" jechuutu jira.
Muslimni jalqaba halkaniitti zikrii kana dagatee dhuma isaatti yoo yaadate, yeruma yaadatetti isa jechuun rakkoo hin qabu; Aliyyiin gabaasaan hadiisichaa jedhetti jalqaba halkan lola siffiin irratti dagatee eegasii yaadachuun subhii dura waan isa jedheef jecha.
Aalimni islaamaa Al-muhallab jedhamu akkas jedhe: ilmi namaa aakhiraa duuniyaa caalchifachuu keessatti waan lubbuu ofii itti kakaasutti maatii isaas yoo kan danda'an ta'e kakaasuu akka qabuudha.
Aalimni islaamaa Ibnu Hajar Al-Asqalaaniin akkas jedhe: namni itti fufiinsaan isa jedhe baay'ina hojiitiin hin miidhamu, dadhabbiin isatti yoo dhaga'amellee isatti hin jabaatu.
Aalimni islaamaa Aynii jedhamu akkas jedhe: wonti inni irra caaleef zikriin Aakhiraatti waan rarra'uuf jecha, khaadimni immoo duuniyaatti waan rarra'uuf jecha, Aakhiraan irra caaltuu fi haftuudha, yookaan immoo sababaa zikrii kanaatiin humni isiin khidmaa irratti khaadima irra caalaa ittiin hojjattu isiidhaaf argamuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

