Barnoota Seenaa Guyyaa Kurnaffaa Ykn Guyyaa Aashuuraa
Barnoota Seenaa Guyyaa Kurnaffaa Ykn Guyyaa Aashuuraa •Guyyaan aashuuraa guyyaa rabbiin muusaa fi uummata isaa nagaya baasedha, Akkasuma guyyaa rabbi firaa'uunii fi waraana firaa'uun itti garraqedha. •Nabiin rabbii ﷺ jaalalaa fi obbolummaa muusaadhaaf qabuuf jecha akkasumas tumsaa fi furmaata waaraa rabbiin muusaadhaaf godhe galatoomfachuuf jecha guyyaa kana ni soomane. Hadiisaa nabii rabbii ﷺkabajamaa keessatti akkuma dhufe jiru jechuudha, <<Soomana guyyaa aashuuraa rabbirrattin herreeggadha,...
Barnoota Seenaa Guyyaa Kurnaffaa Ykn Guyyaa Aashuuraa
Barnoota Seenaa Guyyaa Kurnaffaa Ykn Guyyaa Aashuuraa
•Guyyaan aashuuraa guyyaa rabbiin muusaa fi uummata isaa nagaya baasedha, Akkasuma guyyaa rabbi firaa'uunii fi waraana firaa'uun itti garraqedha.
•Nabiin rabbii ﷺ jaalalaa fi obbolummaa muusaadhaaf qabuuf jecha akkasumas tumsaa fi furmaata waaraa rabbiin muusaadhaaf godhe galatoomfachuuf jecha guyyaa kana ni soomane.
Hadiisaa nabii rabbii ﷺkabajamaa keessatti akkuma dhufe jiru jechuudha, <<Soomana guyyaa aashuuraa rabbirrattin herreeggadha, rabbiin sababa isaatiin dilii waggaa isa duratti dabree namarraa haquu ykn buusuu >> jedhan.
Yahuudaa fi nasaaraa faallessuuf guyyaa saglaffaa isa waliin soomanun ni jaalatama
•Guyyaa kana keessatti gochoowwan gariin ahlul-bida'ii hojjetan jibbamaadha. Innis;- Huseen Ibnu Aliyyii ajjeeffamuu sababeeffachuun guyyaa kana guyyaa gaddaa, guyyaa iyyiinsaa, guyyaa keessatti of kabaluun lubbuu ofii miidhan fi guyyaa meeshaa qabuun mataa ykn qaamaa ofiirra rukutuun dhiiga ofirraa baasaanii gochuun dhorgamadha.
Ajjeeffamuu huseeniif gaddi keenya kan inni ta'uu qabu afaatii kanarratti obsuudhaan, galata isaa rabbirratti lakkaawwachuunii fi murtii rabbii jaalachuudhaani malee gochoowwan akkasiitiin miti.
•Aashuuraan hamilee fi lubbuu ofiitiif waan gaarii yaaduutti nama kakaasaa
Aashuuraan tumsaa fi cinqoowwaniif furmaata dhiheessuudhaan hamilee namatti hora
Bar rabbiin beellama namaaf qaba malee jaalalloowwanii fi gabroottan isaa mu'umintootaa nagaya baase zaalimtoota immoo ni halaaka.
Akkuma rabbiin muusaa (عليه السلام) nagaya baasee firaa'uuniin immoo garraqetti jechuudha.
Qopheessaan: Sheyikh Hayisam Sarhaan
Hiikaan: Omer Ibn Abdulaziiz
Barnoota Seenaa Guyyaa Kurnaffaa Ykn Guyyaa Aashuuraa
Scan QR Code | Use a QR Code Scanner to fast download directly to your mobile device