Arrabni kee Rabbiin zaakkaruu irraa jiidhaa ta'uu irraa hin deemin
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullaah ibnu Busrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: namichi wohii gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii! shari'aawwan islaamaa nurratti heddummaatee jira, hulaa wolitti qabataa ta'e wohii kan nuti jabeessinee isa qabannu nuuf himi? isaanis akkas jedhani: «Arrabni kee Rabbiin zaakkaruu irraa jiidhaa ta'uu irraa hin deemin». Gabaasa biraatiin: hadiisa Mu'aaz ibnu Jabal irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- wanti xumuraa kan ani irratti ergamaa Rabbiitiin adda ba'e -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuudha ture: hojii kamtu caalaa fi irra Rabbitti dhihoodha? isaanis ni jedhani: «Haala arrabni kee zikrii Rabbiitiin jiidhaa ta'een du'uu keeti».
Explanation
Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo hundumaa fi haala hundumaatti arrabni isaa Rabbiin zakkaruu akka subhaanallaah, alhamdulillaah jechuu, du'aa'ii godhachuu fi kan kkf irraa akka hin deemne isa qajeelchan.
Benefits
Guddina tola Rabbii keessaa maloota mindaan ittiin argamu laaffisuudha.
Qooda isaan kheyrii irraa qaban ilaalchisee garaagarummaa gabroonni qabaniidha.
Yeroo baay’ee subhaanallaah, alhamdulillaah, Laa ilaaha illallaah, Allaahu Akbar jechuu fi kan kana fakkaataniin qalbiin walsimsiisaa arrabaan Rabbi zakkaruu heddummeessuun sunnaalee hedduu akka bakka bu'uudha.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafattoota hunda waan isaan waliin deemuun deebii isaanif kennuun haala isaanii ilaalcha keessa akka galchaniidha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

