Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Anas bin Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irra haa jiraatuu- akkana jedhan: «Du'aa'in azaanaa fi iqaamaa jidduutti hin deeffamu».
Explanation
Benefits
Kadhataan naamusa kadhannaa hordofee, bakkoolee isaa fi yeroo isaa kan sadarkaa qabu keessatti yoo kadhate, Rabbiif ajajamuu diduu irraa fagaachuun, waan shakkii qaban keessa akka hin kufne yoo of eegee, Rabbitti yaada yoo tole, fedha Rabbiitin Rabbiin isaaf awwaachuun ni mala.
Munaawiin waa’ee du'aa'iin qeebalamuu ilaalchisee akkana jedhe: Jechuunis: haal-duree, utubaalee fi naamusaalee kadhannaa erga walitti qabee boodaadha, isaan keessaa tokko yoo hafe ofii isaa malee nama komatu hin qabu.
Du'aa'iin qeebalamuun: Yookaan kadhannaan isaa isaaf ni ariifata, yookaan hammeenyi walfakkaataan isa irraa ni deebi'a, yookaan immoo aakhiraatti isaaf ol kaayama; Kunis akka ogummaa fi rahmata Rabbiitiini.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

