Yaa Ilmaan namaa, Rabbiin gaarii dha, waan gaarii malee namarraa hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintootas ajaje
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Rabbiin gaariidha gaarii males hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu’umintootas ajajee jira, Rabbiin ol ta’e akkas jedhe: {Yaa ergamtootaa! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa hojiiwwan gaggariis hojjadhaa} ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yaa worra amantan! Gaggaarii waan nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa} eegasii namicha imala dheeressu, kan mataan isaa fajaajaa, kan quttaa'e, kan harka isaa gara samiitti diriirsuun: Yaa Rabii, Yaa Rabbi jedhu, kan nyaanni isaa haraamaa, dhugaatiin isaas haraamaa, uffannaan isaas haraamaa, kan haraamaan guddate dubbachuun, akkamumatti kadhannaan isaaf owwaatama?». jedhani.
Explanation
Eegasii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, haraama hojii balleessu nyaachuu fi sababoota qeebaltii kan mul'atan keessaa osoo hanga fedhe carraaqellee waan qeebaltii isa dhoorgu irraa akeekkachiisan, sana keessaa:
Tokkoffaa: Karoowwan kheyrii kan akka Hajjii, Jihaadaa, firummaa fufuu fi kan biroo keessatti imala dheeresuudha.
Lammaffaa: Rifeensi isaa waan hin filamneef baay’ee faaggaadha, Halluun isaa fi halluun uffata isaa xurii irraa waan jijjiirameef inni dhiphina keessa jira.
Sadaffaa: Kadhaadhaan harka isaa gara samiitti ol kaasa.
Afraffaa: Maqoota Rabbiitin gara isatti dhihaachuun sana keessatti hoonga gayuun akkana jedha: Yaa Rabbi yaa Rabbi!
Sababoota du'aa'in itti qeebalamu kanneen hojjachuu waliin isaaf hin dhaga'amne; kunis nyaanni, dhugaatii fi uffanni isaa waan haraama ta'eef jecha, akkasumas haraaman waan guddateef jecha, kanaaf nama amala akkanaa qabuuf du'aa'in qeebalamuun ni fagaata, mee akkamitti isaaf awwaatama?!
Benefits
Rabbii ol ta'eef Hojii qulqulleessuu fi Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hordofutti ajajuudha.
Waan dalagaa irratti hamalee namatti godhu fayyadamuudha, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhani: “Dhugumatti Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintoota ajaje”, Mu’uminni wanti inni ajajame kun waan Ergamtoonni itti ajajaman irraayii yeroo beeke jajjabaatee ajajamuu irratti hamalee godhata.
Du'aa'in akka hin awwaatamne wantoota godhan keessaa haraama nyaachuudha.
Sababoota du'aa'iin itti qeebalamu keessaa wantoota shani: tokkoffaan isaanii: Imala dheeressuudha; sababni isaas cabnana nafsee kan irra guddaa sababoota du'aa'iin itti qeebalamu of keessaa waan qabuuf jecha. Lammaffaan: haala cinqii keessa jiraachuudha. Sadaffaan: Harka gara samiitti ol qabachuudha. Afraffaan: Gooftummaa isaa irra deddeebi’anii kaasuun Rabbiin kadhachuu irratti cichuudha, kunis karaalee gurguddaa du'aa'in namaa ittiin awwaatamu keessaa isa tokko dha. Shanaffaan: Nyaataa fi dhugaatii bareeffachuudha.
Nyaata halaal gaarii nyaachuun sababoota hojii gaarii hojjachuu irratti nama gargaaran irraayi.
Qaadiin akkas jedhe: bareedaan faallaa fokkataati, Rabbiin yoo isaan himame, inni hir'inoota irraa qulqulluu fi mudaawwan irraa bilisa ta'uu isaatu itti fedhame, gabrichi immoo yoo ittiin himame, akka inni haala badaa fi hojiiwwan fokkataa irraa bilisa ta'ee, faallaa isaatiin faayameetu itti fedhame, qabeenyi yoo ittiin himame immoo, qabeenyichi filatamaa halaala irraa ta'e ta'uu isaatu itti fedhame.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

