Yaa Ilmaan namaa, Rabbiin gaarii dha, waan gaarii malee namarraa hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintootas ajaje
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Yaa Ilmaan namaa, Rabbiin gaarii dha, waan gaarii malee namarraa hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintootas ajaje, Rabbiin akkas jedhe: {Yaa Ergamtoota wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa dalagaa gaaris dalagaa, dhugumatti ani waan isin hojjettan hunda beekaadha} [Al-Mu'uminuun: 51]. ammas akkas jedhe: {Yaa warra amantan wantoota gaggaarii nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa} [Al-Baqaraa: 172]. Eegasii namicha imala dheeressu kan mataan isaa faaggaa dhukkeen itti baay'atu tokko dubbatan, harka isaa gara samiitti ol qabee Yaa Rabbi, Yaa Rabbi jedha, nyaanni isaa haraama, dhugaatin isaa haraama, uffanni isaas haraama, haraamaanis guddate, akkamitti isaaf awwaatama?».
Explanation
Eegasii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, haraama hojii balleessu nyaachuu fi sababoota qeebaltii kan mul'atan keessaa osoo hanga fedhe carraaqellee waan qeebaltii isa dhoorgu irraa akeekkachiisan, sana keessaa:
Tokkoffaa: Karoowwan kheyrii kan akka Hajjii, Jihaadaa, firummaa fufuu fi kan biroo keessatti imala dheeresuudha.
Lammaffaa: Rifeensi isaa waan hin filamneef baay’ee faaggaadha, Halluun isaa fi halluun uffata isaa xurii irraa waan jijjiirameef inni dhiphina keessa jira.
Sadaffaa: Kadhaadhaan harka isaa gara samiitti ol kaasa.
Afraffaa: Maqoota Rabbiitin gara isatti dhihaachuun sana keessatti hoonga gayuun akkana jedha: Yaa Rabbi yaa Rabbi!
Sababoota du'aa'in itti qeebalamu kanneen hojjachuu waliin isaaf hin dhaga'amne; kunis nyaanni, dhugaatii fi uffanni isaa waan haraama ta'eef jecha, akkasumas haraaman waan guddateef jecha, kanaaf nama amala akkanaa qabuuf du'aa'in qeebalamuun ni fagaata, mee akkamitti isaaf awwaatama?!
Benefits
Rabbii ol ta'eef Hojii qulqulleessuu fi Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hordofutti ajajuudha.
Waan dalagaa irratti hamalee namatti godhu fayyadamuudha, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhani: “Dhugumatti Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintoota ajaje”, Mu’uminni wanti inni ajajame kun waan Ergamtoonni itti ajajaman irraayii yeroo beeke jajjabaatee ajajamuu irratti hamalee godhata.
Du'aa'in akka hin awwaatamne wantoota godhan keessaa haraama nyaachuudha.
Sababoota du'aa'iin itti qeebalamu keessaa wantoota shani: tokkoffaan isaanii: Imala dheeressuudha; sababni isaas cabnana nafsee kan irra guddaa sababoota du'aa'iin itti qeebalamu of keessaa waan qabuuf jecha. Lammaffaan: haala cinqii keessa jiraachuudha. Sadaffaan: Harka gara samiitti ol qabachuudha. Afraffaan: Gooftummaa isaa irra deddeebi’anii kaasuun Rabbiin kadhachuu irratti cichuudha, kunis karaalee gurguddaa du'aa'in namaa ittiin awwaatamu keessaa isa tokko dha. Shanaffaan: Nyaataa fi dhugaatii bareeffachuudha.
Nyaata halaal gaarii nyaachuun sababoota hojii gaarii hojjachuu irratti nama gargaaran irraayi.
Qaadiin akkas jedhe: Wanti Gaariin faallaa fokkotaati, Rabbiin ol ta'e isaan ibsamuuu keessatti wanti yaadame inni mudaa irraa qulqullaa'aa ta’uu fi balaa irraa bilisa ta'uu isaati. Gabrichi haala waliigalaatiin yoo itti ibsamo ammoo inni haalaa amala badaa fi hojiilee fofokkattuu irraa balisa ta'ee faallaa kanneenii kan qabu ta’uu isaati. Qabeenyi yoo itti ibsame ammoo halaala cocollee qabeenyaa irraa ta'uu isaati.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

