Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra hedduu waan jannata nama seensisuu irraa gaafatamanii, akkas jedhani: "Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha" akkasumas irra hedduu waan ibidda nama seensisuu irraa gaafatamanii akkas jedhani: "Afaanii fi qaama saalaati".
Explanation
Sodaa Rabbiitii fi haala toluudha.
Sodaan Rabbii: gidduu keetii fi gidduu adabbii Rabbiitti gaachana gochuudha, sun immoo ajaja Isaatti hojjachuu fi dhoorgaa Isaa irraa dhoorgamuuni.
Haala toluun: fuula ifuu, gaarii arjoomuu fi nama azaa gochuu irraa gabaabbachuun ta'a.
Irra guddaan sababoota ibidda seensisanii lamaadha, isaanis:
Arrabaa fi qaama saalaati.
Badii arrabaa irraa: kijiba, komii, namoota wolitti kakaasuuf haasaa olii gadi hafarsuu fi kanneen biros keessatti ni aragamu.
Badii qaama saalaa irraa: sagaagalummaa, liwaaxaa fi kan biroos keessatti ni aragamu.
Benefits
Hammeenya arrabni abbaa isaa irratti qabuudha, akkasumas inni sababoota ittiin ibidda seenan irraa ta'uudha.
Hammeenya fedhiinii fi sagaagalummaan ilma namaa irratti qabuudha, akkasumas isaan irra hedduu sababoota ibidda nama seensisan irraa ta'uudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

