Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Usaamaa ibnu Zayd irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: usmaanitti ol seentee hin haasofsiiftuu? isaan jedhame, innis ni jedhe: isin dhageessisu malee haasawuu hin qabu jettuu? Rabbiinan kakadha balbala dubbii jalqaba nama isa banee ta'uu hin barbaanne osoon hin banin gidduu kootii fi gidduu isaatti dhugumatti haasofsiisee jira, nama tokko kan ajajaa na irratti ta'uun: inni irra caalaa namaati hin jedhu, boodan ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu dhaga'ee: «Guyyaa qiyaamaa namichi ni fidama, ibidda keessa buufamee, meeshaan garaa isaa keessaa yaatee, akka harreen baaburaan naanna'utti isiidhaan naannawa, worri ibbiddaa isa ilaaluuf wolitti qabamanii akkas jedhu: yaa ebelu maaltu si mudate? toltuutti ajajdee badii irraa dhoorgaa hin turree? innis ni jedha: ee dhugaadha akkasin ture, dhugaan toltuutti ajajaan ture ofiif immoo isa hin hojjadhu, akkasuma badii irraas dhoorgaan ture ofiif immoo isan hojjadha».
Explanation
eegasii Usaamaanis -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: inni ajajoota iccitiin isaan gorsa kana irratti immoo amiira yoo ta'ellee nama tokkoof fakkeessee bira hin dabru, sun booda nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhanuu dhaga'eeti, guyyaa qiyaamaa namichi fidamee, ibidda keessa buufamee, jabina ho'aatii fi adabbii irraa kan ka'e meshaan garaa isaa ariitiidhaan keessaa ba'uun, haaluma kanaan mar'imaan garaa isaa waliin akka harreen naannawa baabura isa waa daakuu naannoftutti ibidda keessa naannawa, worri ibiddaa naannawa isaatti akka geengoo isatti marseetti wolitti qabamanii, akkas jechuun isa gaafatani: yaa ebelu, toltuutti ajajdee badii irraa dhoorgita hin turree?!
innis ni jedha: eeyyeen toltuuttin ajajaan ture garuu ofii kootiif isa hin hojjadhun ture, akkasuma badii irraas nan dhoorgan ture garuu isan hojjadhan ture.
Benefits
Nama jechi isaa gocha isaa faallessuuf dinniina jabaatu keessa jira.
Ajajootaa woliin namuusa qabaachuu fi isaaniif garaa laafuu, akkasuma toltuutti isaan ajajanii badii irraa isaan dhoorguu.
Haqa keessatti ajajootaaf fakkeessuu fi faallaa isaa waan agarsiisu mul'isuu balaaleffachuutu keessa jira, akka nama dharaan faarsuutti.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

