Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullaah bin Busr irraa odeeffame -Rabbiin irraa haa jaallatu- namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii seerri Islaamaa natti baay'atee, kanaaf waanan bareechee isa qabadhu natti himi, isaanis ni jedhan: «Arrabni kee Zikrii Rabbiitiin jiidhuu hin dhiisin».
Explanation
Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo hundumaa fi haala hundumaatti arrabni isaa Rabbiin zakkaruu akka subhaanallaah, alhamdulillaah jechuu, du'aa'ii godhachuu fi kan kkf irraa akka hin deemne isa qajeelchan.
Benefits
Guddina tola Rabbii keessaa maloota mindaan ittiin argamu laaffisuudha.
Qooda isaan kheyrii irraa qaban ilaalchisee garaagarummaa gabroonni qabaniidha.
Yeroo baay’ee subhaanallaah, alhamdulillaah, Laa ilaaha illallaah, Allaahu Akbar jechuu fi kan kana fakkaataniin qalbiin walsimsiisaa arrabaan Rabbi zakkaruu heddummeessuun sunnaalee hedduu akka bakka bu'uudha.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafattoota hunda waan isaan waliin deemuun deebii isaanif kennuun haala isaanii ilaalcha keessa akka galchaniidha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

