akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaan Rabbiin qofa”, ammas nuti ni jenne: ati gama sadarkaatii irra caalaa keenya, akkasumas gama arjummaatii ati irra guddaa keenya, isaanis ni jedhan: “jecha keessan jedhaa, ykn garii jecha keessanii jedhaa, Sheyxaanni waan fedhe akka isinitti hin fayyadamne”
Abdullaah bin Al-shikhiir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Jiila warra Banii Aamiir waliin gara Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufee, akkas jenneen: Ati gooftaa keenya, isaanis akkas jedhan: “Gooftaa…

