Duuniyarraa dantaa dhabi Rabbiin si jaallataatii, waan namoota bira jirurraa dantaa dhabi namoonni si jaallatuu
Abul Abbaas Sahl ibnu Sa'ad Assaa'idii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: namichi wohii gara Nabiyyiitti dhufuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhe: yaa ergamaa Rabbii!, hojiin yoo isa hojjadhe, Rabbiin na ja…

