Ilaalcha tasaa irraa ergamaa Rabbii gaafannaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ija koo akkan naannessu na ajajani
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Jariir ibnu Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ilaalcha tasaa irraa ergamaa Rabbii gaafannaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ija koo akkan naannessu na ajajani.
Explanation
Benefits
Waan isa ilaaluun haraama ta'e yeroo ijji namaa akka tasaa irra bu'e itti fufiinsaan ilaaluu irraa sodaachisuutu keessa jira.
Hadiisicha keessa dubartoota ajnabii ta'an ilaaluun haraama ta'uutu keessa jira, kun sahaabota biratti dubbii ragga'aadha, ragaan jecha jariiri -Rabbi isa irraa haa jaallatu- kan inni nabiyyii akkas jedhee gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haaa buusu- ijji isaa osoo hin yaadin dubartii irra yoo bu'e, murtoon isaa murtoo ilaalchaatii?
Shari'aan islaamaa faaydaa gabrootaa eeguutu isa keessa jira, badii duuniyaa fi Aakhiraatti isa hordofee dhufuuf jecha dubartii ajnabii ilaaluu haraama taasise.
Sahaabonni waan isaan dhibe keessatti nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- deebi'anii kan gaafatan ta'uu isaa, akkuma kana namoota birootiifis waan isaan dhibe keessatti gara ulamaa'ii deebi'anii isaan gaafachuutu barbaachisa.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

