Balaan mu'uminaa fi mu'umintittii tuquu irraa hin hafu lubbuu isaa, ilma isaa fi qabeenya isaa keessatti isa tuquu irraa hin hafu hanga haala badiin tokko isa irra hin jirreen Rabbiin wol ga'utti
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhani: «Balaan mu'uminaa fi mu'umintittii tuquu irraa hin hafu lubbuu isaa, ilma isaa fi qabeenya isaa keessatti isa tuquu irraa hin hafu hanga haala badiin tokko isa irra hin jirreen Rabbiin wol ga'utti».
Explanation
Benefits
Ulaagaa iimaanaa qabaachuutiin balaan badii haqa, gabrichi yoo obsee kan hin aarre ta'e mindaa itti argata.
Waan hunda keessatti obsa irratti jajjabeessuu, waan jaallatanuu fi jibban irratti, hanga waan Rabbiin dirqama isa irratti taasise geessutti ni obsa, hanga waan Rabbiin haraama isa irratti godhe irraa fagaatutti ni obsa, mindaa Rabbii kajeelee adabbii isaa sodaatee.
''Mu'uminaa fi mu'umintittii" jechuu keessatti, jecha "mu'umintittii" jedhu dabaluun dubartii irratti dirqamni dabalataa jiraachuuf ragaadha; osoo "mu'umina" qofa jedhee dhiises dubartiinis inuma galti, sun waan dhiira qofa hin ilaallanneef jecha, balaan dubartii yoo mudate isiinis mindaadhuma akka kanaa badii fi diliiwwan haqamuutu waadaa isiidhaaf seename.
Laalaa yeroodhaa yerootti gabricha mudatu waan isatti salphisu keessaa sadarkaa balaa irratti hundaa'ee kennamuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

