Adunyaa kana irratti akka keessummaa ykn nama karaa dabruu ta’i
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullaah bin Umar irraa odeeffamee Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ceekuu koo na qabanii akkana jedhan: «Adunyaa kana irratti akka keessummaa ykn nama karaa dabruu ta’i», Ibnu Umar akkana jedha ture: Yeroo galgaleeffatte ganama hin eegin, yoo ganameeffatte immoo galgala hin eegin, osoo hin dhukkubsatin fayyaa keetti fayyadami, osoo duuti sitti hin dhufin jiruu keetti fayyadami.
Explanation
Ibnu Umar gorsa kana hordofuun akkana jedha ture: Yoo siif bari'e galgala hin eegin, yoo dhihe immoo ganama hin eegin, namoota qabrii keessa jiranitti of lakkaa’i, jireenyi ilma namaa fayyaa fi dhibee irraa bilisa waan hin taaneef jecha. Yeroo fayyaa qabdu osoo hin dhibamin Rabbiif ajajamutti ariifadhu, dalagaa gaarii dalaguun osoo dhibeen sitti hin dhufin saammadhu, jiruu dunyaa keetis osoo du'aan addunyaa kana irraa hin deemin waan si fayyadurratti dabarsi,
Benefits
Osoo hin gaafatinis ta'u, gorsaa fi qajeelfamaan jalqabuudha
Barsiisni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bareedaa ta'uudha, sunis “Addunyaa kana irratti akka keessummaa ykn nama karaa deemu ta’i” jechuudhaan fakkeenyota amansiisaa ta'an kennuudhaani.
Namoonni imala gara aakiraatti godhan irratti garaagarummaa qabaachuudha, karaa darbaan addunyatti haajamuu dhabuu keessatti sadarkaa keessummaatii oliidha.
Abdii gabaabbachuu fi du’aaf qophaa’uu ibsuudha.
Hadiisni kun jireenya dhiisuu fi gammachuu addunyaa dhoorguu hin argisiisu; Garuu inni addunyaa irraa dantaa dhabuu fi ishee irraa xiqqeeffachuu jajjabeessuu agarsiisa.
Dhukkubni ykn duutis osoo nama hin dhoorgine hojii gaarii hojjechuutti ariifachuudha.
Sadarkaa Abdullaah bin Umar -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu- qabuudha, sababnis gorsa Ergamaa Rabbii irraa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufe kanaan fayyadamuu isaati.
Biyyi Mu'umintoota Jannata waan ta’eef isaan addunyaa tanaaf keessummaadha, Gara Aakhiraatti imaloodha, qalbii isaanii waan tokko kan biyya ormatti hin rarraasan, inumaayyuu qalbiin isaanii biyya isaanii kan gara isatti deebiʼaniif hawwa, Addunyaa kanarra turuun isaanii haajaa isaanii baafatanii qophii isaanii xumuranii gara biyya isaanitti akka deebi'aniif jecha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

