Sheyxaanni jaziiraa Arabaa keessatti namoonni salaatan isa gabbaruu irraa dhugumatti abdii kutateera, garuu isaan giddutti badii argamsiisuu keessatti abdii hin kutanne
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Jaabiir irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana kan jedhuun dhagahe: «Sheyxaanni jaziiraa Arabaa keessatti namoonni salaatan isa gabbaruu irraa dhugumatti abdii kutateera, garuu isaan giddutti badii argamsiisuu keessatti abdii hin kutanne».
Explanation
Benefits
Sheyxaanni Muslimoota gidduutti waldhabdee, Jibbaa, waraanaa fi qorumsa garagaraa uumuuf carraaqa.
Faayidaa salaanni Islaamummaa keessatti qabu keessaa tokko jaalala Muslimoota gidduutti horuu fi hidhata obbolummaa isaan gidduu jiru cimsuudha.
Salaanni booda shahaadaa lamaanitii sirna amantii guddaadha, kanaaf hadiisa keessatti Muslimoonni namoota salaatan jechuun waamaman.
Biyyoonni (jaziiraan) Arabaa amaloota biyyoota biroo irraa adda ta'an qabaniidha.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- (sheyxaanni biyyoota arabaa keessatti warri salaatu gabbaruu irraa dhugumatti abdii kutate) jechuu waliin garii biyyoota arabaa keessatti taabota gabbaruun argameera yoo jedhame, kun abdii kutannaa lubbuu sheyxaanaa keessatti argame irraa himuudha; sunis yeroo biyyoonni hedduun muslimootaan banamanii fi namoonni baay'innaan amantii Rabbii seenan arge keessatti. Hadiisni kun seehaa sheyxaanatii fi waan inni fuulduratti ni taha jedhee yaadu irraa dubbate, Eegasii ogummaa Rabbiin ol ta'e fedheen qabatamni faallaa sanaa ta'ee argame.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

