Warri jannataa jannata erga seenanii booda, Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii?
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Suheyb irraa odeeffame, Rabbiin isa iraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Warri jannataa jannata erga seenanii booda, Rabbiin ol ta'e akkas jedhaan: waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii? isaanis akkas jedhan: Fuula keenna nu hin ibsinee, jannata nu galchitee, ibidda irraa nagaa na hin baafnee? ni jedha: Eegasii (Rabbiin) girdoo ni saaqa, Rabbii ol ta'e ilaaluu caalaa wanta isaan gammachiisu tokkollee hin kennamne».
Explanation
Waan ani isiniif dabaluu barbaaddan qabdanii?
Warri jannataa hundi akkas jedhu: Fuula keenya nu hin ibsinee? Jannata nu galchitee, ibidda irraa nagaa nu hin goonee?
Eegasii Rabbiin girdoo fuudhee ol kaasa, girdoon isaa ifaadha. Rabbii ol ta'e ilaaluu caalaa wanta isaan gammachiisu tokkollee hin kennamne.
Benefits
Irra guddaan qananii jannataa mu'umintoonni Rabbii isaanii arguudha..
Namoonni jannata seenan hundi isaanii sadarkaan qubsuma isaanii hangam adda ta’us Rabbii isaanii ni argu.
Rabbiin Mu'umintoota jannata seensisuudhaan tola gudda itti oole.
Barbaachisummaa hojii gaggaariin gara jannataatti ariifachuu fi Rabbii ol ta'ee fi Ergamaa Isaatiif ajajamuuti, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

