Mallattoo Islaamummaan namichaa toluu irraa, waan isa hin ilaallanne dhiisuu isaati
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ni jedhan: «Mallattoo Islaamummaan namichaa toluu irraa, waan isa hin ilaallanne dhiisuu isaati».
Explanation
Benefits
Jechootaa fi gochoota dabalataa fi taphaa dhiisuun, islaamummaan namichaa guutuu ta'uu isaatti akeeka.
Dhimma diinii fi duuniyaa irraa waan nama ilaallatutti of dhiphisuutti kakaasuutu keessa jira, waan isa hin ilaallanne dhiisuun tolina islaamummaa namichaa irraa yoo ta'e, waan isa ilaallatutti dhiphachuunis tolina islaamummaa isaa irraayi.
Aalimni islaamaa: Ibnul Qayyim akkas jedhe: nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- of qabuu fi Rabbiin sodaachuu hunda isaa jecha tokko keessatti, akkas jechuun wolitti qabani: «Tolina islaamummaa namichaa irraayi, waan isa hin ilaallanne dhiisuun isaa», kun, haasawa irraa, ilaalcha irraa, dhaggeeffachuu irraa, harkaan waa qabuu irraa, deemsa irraa, yaadaa fi sochii mul'ataa fi dhokataa hunda irraa, waan nama hin ilaallanne hunda dhiisuu walitti qabata, kun Rabbiin sodaachuu fi of qabuu keessatti jecha ga'aadha.
Aalimni islaamaa Ibnu Rajab akka jedha: Hadiisni kun bu'uurowwan namuusaa irraa isa tokkodha.
Beekumsa barbaaduutti kakaasuutu keessa jira; ilmi namaa waan isa ilaallatuu fi hin ilaallanne beekumsaan bara waan ta'eef jecha.
Ilma namaa waan isa ilaallatu keessaa, toltuutti ajajuu, badii irraa dhoorguu fi gorsuutti ajajuutu keessa jira, itti ajajamee jira waan ta'eef.
Hiikkaa hadiisichaa walii galaa keessa ni gala: waan Rabbiin ol ta'e haraama taasisee fi nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jibban, kan isa hin ilaallanne irraa fagaachuun, akkasumas hiikkaa walii galaa hadiisichaa keessa ni gala, dhimmoota Aakhiraa irraa wantoonni itti hin haajomamne, kan akka maalummaa waan fagoo(gaybii), balballooma murtii uumamaa fi ajajaa keessa galuu, akkasumas dhimmoota tilmaamaa, kan hin argamne, yookaan kan argamuuf hin kaane, yookaan argamuun isaatuu kan hin yaadamne, gaafachuu fi isa qorachuunis kanuma irraayi.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

