Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaalatu- Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhuun dhaga'e: "Yeroo mu'azzina dhageessan waan inni jedhu jedhaa, ergasii salawaata na irratti buusaa, namni ana irratti salawaata tokko buuse Rabbiin isa irratti kudhan buusa. Ergasii Wasiilaa naaf kadhaa, isiinis jannata keessaa sadarkaa guddaadha, gabroota Rabbii keessaa isa cimaaf malee nama tokkoof hin taatu. namni sun ana akka tahu hawwa. namni Wasiilaa naaf kadhate shafa'aan kiyya isaaf raggaate".
Explanation
Eegasii Rabbiin Wasiilaa akka isaanif -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- kennu Rabbi kadhachuutti ajajan, Wasiilaa jechuunis sadarkaa tokko kan Jannata keessa jiru yoo ta'u, innis irra ol aanaa sadarkaati. San argachuun ammoo gabroota Rabbii ol ta'e hunda irraa gabricha tokkoof malee nama kamiifuu hin ta'u, salphaas miti, mijatu ykn salphaa miti, Ani isa ta'uu koo nan abdadha. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- wanni akkas jedhaniif of gadi qabuufi; Sababni isaas, sadarkaan ol aanaan sun nama tokko qofaaf yoo ta'u, namni tokkichi sun isaan malee -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- nama biroo ta'uu hin danda'u; waan isaan irra caalaa uumamaa ta'aniif jecha.
Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nama isaanif Wasiilaa kadhateef shafa’aan isaanii akka argamtu ibsaniiru, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu.
Benefits
Eega waan Mu'azzinni jedhe jechuutii Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni haa jiraatu- salawaata buusuun sadarkaa guddaa akka qabuudha.
Eega Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salawaata buusanii wasiilaa isaanif kadhachuu irratti kakaasuudha.
Hiika Wasiilaa fi sadarkaan isii ol aanaa akka ta'e ibsuudha, isiinis gabricha tokko qofaaf malee hin toltu.
Sadarkaa ol aantuu tanaan adda ta'uun sadarkaan Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guddaa ta'uu ibsuudha.
Namni Nabiyyiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wasiilaa kadhate shafa'aan isaaf raggaate.
Isiin isaanif ta'uu waliin ummanni isaanii sadarkaa sana akka isaanif kadhatan barbaaduun of gadi qabuu Nabiyyii -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- ibsuudha.
Hojiin gaariin tokko dachaa kudhaniin baay'atuun tola oolinsi Rabbiiti fi rahmanni Isaa bal'aa ta'uu ibsuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

