Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Anas irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Namtichi tokko qiyaamaa irraa akkas jechuun nabiyyii gaafate -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-qiyaamaan yoomi? nabiyyiinis ni jedhani: «maal qopheessiteef». homaa jedhe, haa ta'u malee ani Rabbii fi ergamaa isaan jaalladha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, ergamaanis akkas jedhani: «ati nama jaallattee woliini». anasis akka jedhe: akka jecha nabiyyii -Rabbii rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- «ati nama jaallattee woliini» jedhuun gammannetti woma tokkoon gammannee hin beeknu, anas eegasii akkas jedhe: anis nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- abuu bakirii fi umar nan jaalladha, jaalalan isaan jaalladheen isaan woliin ta'uu hawwa, yoon hojiiwwan akka isaanii hojjachuu dhabellee.
Explanation
Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojii gaarii irraa maal qopheessiteef? jedhaniin
namtichi gaafates akkas jedhe: hojii guddoo hin qopheessineef jaalalan Rabbii fi ergamaa isaa jaalladhu malee, sanaan ala ibaadaa qalbiii, qaamaa fi qabeenyaa tokkoyyuu hin dubbanne; hundi isiituu damee jaalalaa kan isii irratti hundooftu waan taateef jecha, akkasumas jaalalli dhugaa hojii gaari hojjachuuf tattaafchuutti nama kakaafti waan ta'eef jecha.
Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ati jannatta keessatti nama jaallattee woliin taata isaan jedhani.
Sahaabonni Nabiyyiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gammachiisa kanaan gammachuu guddaa gammadani.
eegasii Anas akka Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Abuu bakirii fi Umariin jaallatu hime, hojiin isaa akka hojiiwwan isaanii ta'uu baatullee isaan woliin ta'uus akka hawwu hime.
Benefits
Rabbiin beekumsa qiyaamaa gabroota irraa dhokse, akka namni qophaa'aa ta'ee eeguuf jecha.
sadarkaa Rabbiin, ergamaa isaa fi gaggaarii mu'umintootaa jaallachuun qabuu fi jaalala mushriktootaa irraa sodaachisuudha.
"Ati nama jaallattee wiliini" jechuun nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buus- sadarkaa fi qubsumatti tokko ta'uu miti kan itti fedhame, kan itti fedhame bakki yoo fagaatellee jannata keessatti hunduu wol arguu akka danda'uudha.
Waan isaaf bu'aa hin qabne dhiisee gara waan isaaf irra gaarii ta'ee fi irra bu'a qabeessa ta'eetti muslimoota qajeelchuutu keessa jira.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

