Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Sa'iid al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama, waamaan tokko: yaa warra jannataa, jedhee waama, isaanis hiixatanii ilaalu, kana beektuu? jedhaan, isaanis eeyyeen, kun du'a jedhuun, hundi isaaniituu dhugaan isa arganiiru, eegasii yaa warra ibiddaa jechuun waama, isaanis hiixatanii ilaalu, kana beektuu? jedhaan, isaanis ni jedhu: eeyyeen, kun du'a, hundi isaaniituu dhugumaan isa arganiiru, innis(duutis) ni gorra'ama eegasii ni jedha, yaa warra jannataa yeroo hunda jiraachuudha duuti hin jiru, yaa warra ibiddaa yeroo hunda jiraachuudha duuti hin jiru, eegasii aayaa tana ni qara'an: {Haala isaan daguu keessatti ta'aniin osoo isaan hin amanin yeroo dhimmichi murtaa'u, guyyaa gaabbii san isaan sodaachisi} [suuraa maryam: 39], isaan kun daguu worra duuniyaa keessa jiru {isaan hin amananu} [suuraa maryam: 39]".
Explanation
Benefits
ulfaatina guyyaa qiyaamaa irraa haalaan sodaachisuu fi inni guyyaa gaabbii ta'uu isaa.
gammachuun warra jannataa walitti dhaabbataa ta'uu fi gaddi warra ibiddaa walitti dhaabbataa ta'uu ibsuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

