Rabbiin jannataa fi ibidda yeroo uumetti Jibriiliin -nagaan isarra haa jiraatu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Rabbiin jannataa fi ibidda yeroo uumetti Jibriiliin -nagaan isarra haa jiraatu- gara jnnataatti ergee, akkas jedhe: gara isiitii fi gara waanan isii keessatti worra isiitiif qopheessee ilaali. isii ilaalee eegasii deebi'uun akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokko isii dhag'ee isii seenu malee hin hafu. eegasii isitti ajajee waan jibbamaan marfamte, eegasii gara isii deemiitii isiidhaa fi gara waanan worra isiitiif isii keessatti qopheessee ilaali. gara isii ilaalee, yeroo inni argu isiin waan jibbamaan marfamtee jirti, eegasii ni jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokkoyyuu isii seenuu dhabuun dhugumatti sodaadhe. ni jedhe: deemi gara ibiddaa fi gara waanan worra isiitiif isii keessatti qopheessee ilaali. gara isii ilaalee yeroo jedhu isiin gariin isii garii isii yaabbata, eegasii deebi'uun akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha namni tokkoyyuu isii hin seenu. eegasii isiitti ajajee feedhiiwwaniin marfamte, eegasii ni jedhe: gara isiitti deebi'ii isii ilaali. isii ilaalee yeroo jedhu dhugaatti fedhiiwwaniin marfamtee jirti, eegasii deebi'ee akkas jedhe: jabina keetiinan kakadha dhugaatti namni tokkoyyuu isii irraa akka hin baraaramnee fi isii seenu malee akka hin hafnen sodaadhe".
Explanation
Benefits
Waan fagoo dhokataa fi hunda waan Rabbii fi Ergamaan Isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa dhufetti amanuun dirqama ta'uu isaati.
Barbaachisummaa waan jibbamaa irratti obsuuti, isiin karaa jannatatti nama geessu waan taateef jecha.
Barbaachisummaa haraama irraa fagaachuuti; isiin karaa ibiddatti nama geessu waan taateef jecha.
Jannanni waan jibbamaan, ibiddi immoo fedhiiwwaniin kan marfaman ta'uun, inni akeeka rakkinaa fi qormaata jireenya duuniyaa keessa jiruuti.
Karaan jannataa cimaa fi ulfaataadha, iimaanaa waliin obsaa fi dadhabbiitti haajama, karaan ibiddaa immoo duuniyaa keessatti wantoota mimmi'aawoo fi fedhiiwwaniin guutamaadha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

