Dhaga'aa ajajamaa, wanti isaan baachifaman isaan irra jira, wanti isin baachifamtanis isin irra jira
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Waa'il Al-Hadrami irraa odeeffamee akkana jedhe: Salamaan bin Yaziid Al-Ju'ufi -Rabbiin irraa haa jaallatu- Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: Yaa Nabiyyii Rabbii, bulchitoonni haqa isaanii nu gaafatan, haqa keenya immoo kan nu dhoorgatan yoo nurratti taayitaa argatan mee maalitti nu ajajja? irraa garagalan, eegasii deebi'ee isaan gaafatee jennaan, ammas irraa garagalan, eegasii yeroo lammaffaa ykn sadaffaatif isaan gaafatee jennaan, Al-Ash'as bin Qeysii isa harkise, isaanis akkana jedhan: «Dhaga'aa ajajamaa, wanti isaan baachifaman isaan irra jira, wanti isin baachifamtanis isin irra jira».
Explanation
Dhimma kana akka waan jibbanitti Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa garagalan, garuu gaafataan yeroo lammaffaa fi sadaffaa irra deddeebi'ee gaafate. Al-Ash'as bin Qeysii -Rabbiin irraa haa jaallatu- namicha gaafataa jiru san callisiisuf jecha isa harkise.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jechuun deebisaniif: Waan isaan jedhan dhaga'aa, ajaja isaanis tole jedhaa; wanni baachifamanii itti ramadaman kan akka haqaan bulchuu fi haqa hawaasaa kennuu isaan irra jira, isinis wanni baachifamtan kan akka ajajamuu, haqoota geessuu fi rakkina irratti obsuu isin irra jira.
Benefits
Hir'inni bulchitootaa dirqama isaanii irratti mul'atu ummanni dirqama isaanii akka hin baane deebisee hin taasisu, Namni kamiyyuu hojii isaatiif itti gaafatamummaa mataa isaa qaba, hanqina isaas itti gaafatama.
Akkuma hadiisa kana keessatti ibsametti, Amantiin jijjiirraa irratti osoo hin taane, inni kaan deebisee waan dirqama ta’e hojjechuu dhabullee ofii dirqama bahuu irratti kan hundaa’edha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

