Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Najiih ibnu Al-Irbaad ibnu Saariyaa irraa akka odeeffametti –Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii –Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gorsa qalbiin irraa sodaatte, kan ijji isa irraa imimmaan harcaafte nu gorsanii jennaan: yaa ergamaa Rabbii gorsi kee kun gorsa namni nama gaggeessu dhaammatu fakkaata; mee ammas nu gorsi jenneen, ergamaanis akkas jedhani: «Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, qarriffaadhaan ciniinaa qabadhaa, adaraa wantoota (diinii keessatti) khalaqaman irraa of eeggadhaa, hundi wantoota haaraa diinii keessatti khalaqamanii jallina waan ta'eef jecha».
Explanation
Benefits
Gorsaa fi waan kheyrii himuun qalbii laaffisuuf xiyyooffannoo kennuudha.
Booda isaanitii khaliifota afran qajeeloo fi qajeelfamoo ta'an kan Abuu Bakr, Umar, Usmaani fi Aliyyii -Rabbii isaan irraa haa jaallatu- hordofutti ajajuudha.
Amantii keessatti waan hin jirre galchuu irraa dhoorguu fi hundummaan bid'aa jal'ina ta'uu ibsuudha.
Bulchaa mu'uminootaaf yoo inni dilitti nama hin ajajin dhagayuu fi tole jechuudha.
Yeroo fi haala hunda keessatti Rabbiin sodaachuun barbaachisaa ta'uudha.
Waldhabdeen ummata kana keessatti argamaadha, yeroo inni argametti immoo gara Sunnaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkasumas gara sunnaa Khaliifotaa qajeeloo ta'anii deebi’uun dirqama ta'a.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

