Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Irbaad bin Saariyaa irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafa tokko nu gidduu dhaabbatanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaattee ijji irraa imimmaan dhangalaafte nu gorsan, eegasii ni jedhame: yaa ergamaa Rabbii gorsa nama nagaa namatti dhaammatuu nu gorsitanii, nuu dhaamaa, isaanis ni jedhan: "Rabbiin sodaadhaa, (namni isinirratti moohe) gabricha habashallee osoo tahee dhagayuu fi ajajamuufii qabdan, Ana boodaa waldhabdee jabaadha arguuf teessanii, Sunnaa kiyyaa fi Sunnaa Khaliifota kiyya kan qajeeloo qajeelfamoo ta'anii qabadhaa, ilkaan a'ootiin isirratti ciniinaa, wantoota haaraa bid'aa ta'an irraa fagaadhaa, hundummaan bid'aatuu jal’ina waan ta’eef".
Explanation
Benefits
Gorsaa fi waan kheyrii himuun qalbii laaffisuuf xiyyooffannoo kennuudha.
Booda isaanitii khaliifota afran qajeeloo fi qajeelfamoo ta'an kan Abuu Bakr, Umar, Usmaani fi Aliyyii -Rabbii isaan irraa haa jaallatu- hordofutti ajajuudha.
Amantii keessatti waan hin jirre galchuu irraa dhoorguu fi hundummaan bid'aa jal'ina ta'uu ibsuudha.
Bulchaa mu'uminootaaf yoo inni dilitti nama hin ajajin dhagayuu fi tole jechuudha.
Yeroo fi haala hunda keessatti Rabbiin sodaachuun barbaachisaa ta'uudha.
Waldhabdeen ummata kana keessatti argamaadha, yeroo inni argametti immoo gara Sunnaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkasumas gara sunnaa Khaliifotaa qajeeloo ta'anii deebi’uun dirqama ta'a.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

