Namni qullubbii ykn shunkurtii nyaate, nurraa haa fagaatu, masjiida keenya irraayis haa fagaatu, mana isaa keessatti haa hafu
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Jaabir bin Abdullaah irraa odeeffame -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Namni qullubbii ykn shunkurtii nyaate, nurraa haa fagaatu, masjiida keenya irraayis haa fagaatu, mana isaa keessatti haa hafu», Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- meeshaa kuduraalee foosooliyaa of keessaa qabuun dhufamee, hafuurri itti dhahee, gaafatanii foosooliyaan akka keessa jiru itti himame, Sahaabota isaanii keessaa nama wahii kan isaanin waliin ture itti ishee dhiheessaa jedhan, inni yeroma ishee arge ishee nyaachuu jibbe, ni jedhaniin: «Nyaadhu, ani nama ati wajjiin maqoo hin qabneen wajjiinin maqoo qabaa». Muslimiin akka gabaasetti ammoo, Jaabir bin Abdullaah, irraa odeeffamee Nabiyyiin akkana jedhan: «Namni baala qullubbii kana irraa nyaate, yeroo tokko ammoo akkas jedhan: Namni shunkurtii, qullubbii fi alaangallee nyaate masjiida keenyatti hin dhiyaatin, Malaa'ikonni waan ilmaan Aadam irraa miidhamaniin waan miidhamaniif jecha».
Explanation
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkuma namoonni waan hafuura badaa irraa azaa ta'an, malaa'ikonnis akka azaa ta'an himan.
Benefits
Wanni hafuura badaa qabu kan namoonni salaatan irraa azaa ta'an kan akka sijaaraa, tamboo fi kan sana faakkaatan hundi akkuma wantoota kanneenitti akka ilaalamaniidha.
Sababni dhoorgaa kanaa hafuura badaa waan ta'eef, garmalee bilcheessuun ykn karaa biraatiin yoo bade; dhoorgiin sun ni ka'a.
Nama masjiida dhufanii salaatuun dirqama irratti ta'uuf wantoota kanneen nyaachuun jibbamaa ta'uudha; akka salaanni jamaa'aa masjiida keessatti isa hin dabarreef jecha, mala godhee akka masjiida hin dhufneef nyaachuun immoo haraama ta'a.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- shunkurtii fi kan kana fakkaatan nyaachuu irraa diduun, waan inni haraama ta’eef osoo hin taane, sababni isaas Jibriil -nagaan irra haa jiraatu- waliin waan maqoo qabaniif jecha.
Akkaataan barsiisa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bareedaa ta'uudha, sunis murtii waan tokkoo sababa isa ibsu wajjiin wal qabsiisanii dhiheessuuni; sababni isaas namni itti haasaa jiran sababaa beekuun akka tasgabbaa'uf jecha.
Qaadiin akkana jedhe: Ulamaa’onni dhimma kana masjiida malee walga’ii salaataa kan akka eddoo salaata iidaa, salaata janaazaa fi gosoota walga’ii ibaadaa biroo wajjiin wal bira qabanii ilaalaniiru, akkasuma iddooleen ilmii, zikrii, waliimaa adda addaati fi kan kana fakkaatan, gabaa fi kan kana fakkaatan immoo kanneenitti hin dhaqqabsiifaman.
Ulamaa’onni akkana jedhan: Hadiisni kun nama qullubbii fi waan isa fakkaatu nyaate masjiida seenuu irraa dhoorguu irratti ragaadha - osoo masjiidni duwwaa ta’ellee- inni bakka malaa'ikootaa waan ta’eef jecha, akkasumas Hadiisota biraatif jecha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

