“salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala
Choose an available translation of this Hadeeth
Hadeeth text
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahamnni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: “salaatni namichaa kan jama’aan waliin salaatu, salaata isaa kan mana isaa keessatti salaatuu fi kan suuqii isaa keessatti salaatu irra sadarkaa digdamii wahiin caala, sababni isaas namni tokko akka gaaritti yeroo wuduu’a godhatee, eegasii salaata malee waan hojjatu tokko kan hin qabne gara masjiidaa dhufee, salaata qofa malee waan biraa kan hin feene, inni hanga masjiida seenutti tarkaanfii tokko hin tarkaanfatu, yoo sadarkaan isaa dabalee, diliin isaa irraa haqame malee, Yeroo masjiida seene waan salaatni waan biraa irraa kan isa daangessu ta'een inni salaatuma keessa jira, Malaa'ikoonnis hanga inni eddoo itti salaate sana keessa jiruun akkana jechuu araarama isaaf kadhatan: Yaa Rabbi isaaf rahmata godhi, yaa Rabbi isaaf araarami, yaa Rabbi towbaa isa irratti deebi'i, waan inni miidhaa hin geessisiniin, ammas waan inni wuduu'a isaa hin balleessiniin”.
Explanation
Benefits
Masjiida keessatti jama’aan salaatuun salaata namni tokko kophaa isaa salaatu irraa sadarkaa digdamii shan ykn digadamii ja'a ykn digdamii torbaan caala.
Hojiilee malaa'ikootaa keessaa inni tokko mu'uminootaaf du'aa'ii gochuudha.
Wuduu’a godhatanii gara masjiidaa deemuun sadarkaa akka qabuudha.
Attribution
Categories
Share hadeeth
Sharing options · 0 Total shares

